Ammajjii 1, 2010 guyyaa ayyaana WBO magaalaa Toronto Keessatti Haawasni Oromoo bifa yoomiyu caaluun kabajate. Qophii kana kan haasyaan banan dura taa’aa Konyaa ABO Toronto yeroo tahan isaaniis dhaansa isaanii keessati guyyaan kun seena qabeessa tahu ibsaniti jiran.
Itti aansuu dhaan bakka bu’oonni amantiilee Islaamaa fii kan Kiristaanaa eebba fi dhaamsa bal’aa kennaniiti jiran. Dhaamsi bakka bu’aa waldyaa Kiristaana irra kennamee turee kan tokkummaa Oromoo irrati xiyyeefate fii kan bilchinaan dhiyaate waan tureef hirmaattota walgahichaa ti fii kanneen karaa saraaraa paltalkin dhaamsa dhaggeeffachaa turan hedduu irraa gamadaniiti jiran.
Bakka bu’aan Amantii Islaamaa akkasuma haasawaa wal fakkataa kenneen yo tokkuman jiraate malee akka bilisummaan hin jirre ibseeti jira. Hirmaattoni ayyaana kanarrati argaman fii qindeessitoonni kurfii kanaa jaarmayoota lameenuu galatoomfataa fuulduras bifuma kanaan akka itti fufan dhaamsa dabarsan.
Kana males bakka Bu’aan KKK ibsa gabaabaa kenneti jira. Bakka bu’ooni caayaa ABO, Biftuu Ganamaa fii Bakkalchaa Oromiyaa, guyyaa kana laalchiisuu dhaan ibsa bal’aa kennaniiti jiru.
Qophii guyyaa kanaa daranuu kan miidhegse hawwiisoo joollee umriin waggaa 12 gadi tahaniin ummaticha achitti argameef dhiyaate ture. Akkasmua maapin Oromiyaa kan kan mukarraa tofamee saa’a fii alaabaa ufirraa qabu kan sabboonaa Oromoo J/ Horotaan tolchee jaarmayaaf kenne bifa caal baasiitiin dheyaate horii guddaa dhaabaf burqisiiseti jira.
Qophin itti fufuudhaan hirmaattonni marii tokkummaa Oromoo jabeesuu fii kan warra Tokkumma diiguuf carraqaaniif barnooota tahu godhaniiti turan.
Gadaan Gadaa Billisumaati!!!!!!!!!!!!!!
|